Waraqaa ragaa

Rabbiin Malee Gooftaan Haqaa Akka Hin Jirre Ragaa Bahuu

Waraqaa ragaa Jechi kun utubaa lam qaba: inni 1ffaa: ”laa’ilaaha”isa jedhu yoo ta’u kunis waan Rabbiin malee jirurraa gooftummaa mormuudha. Inni 2ffaammoo: “illallaah” isa jedhu yoo ta’u, innis gooftummaa haqaa Rabbii tokkichaaf raggaasisuudha. Akkuma Rabbi qur’aana keessatti nuu ibse:
(isa nabi Ibraahiim Abbaa isaatiif ummata isaatiin jedhe sana dubbadhu; akka jadheen: ani waan isin gabbartan kanarraa qulqulluudha isa na uume sana malee, anaan isumatu na qajeelcha).

Rabbiin gabbaruun qofti hin ga’a hin jedhamu, yoo gabbarsuu isa qofaaf qulqulleessan malee, isaaf qulqulleessuunimmoo kan argamu yoo shirkiirraa qulqullaa’anii tokkichummaa Rabbii mirkaneessaniidha.

Waraqaa ragaa Akka hadiisa keessatti ibsametti, furtuun jannataa “Laa Ilaaha Illallaah” dha. Garuu namni isii jedhe hundi jannanni isa jalaa banamuu mirga godhataa? Wahab ibin Manabbih (rahimhullaah) akkana jedhame: “Laa Ilaaha Illallaah”

furtuu jannataatii mitii? ‘Eeyyen; garuu furtuun kamillee ilkaan qabaachuu qaba. Yoo furtuu ilkaan qabuun dhufte siif banama. Yoo sana hin ta’in siif hin banamu.

Waraqaa ragaa Hadiisonni ilkaan furtuu kanaa dimshaashatti ibsan heddu nabiyyii (ص) irraa odeeffamaniiru. Isaan keessaas: “namni qulqullinaan Laa Ilaaha Illallaah jedhe …”, “onneen isaa isii dhugo’oomsaa …”, “kan haqaan onnee isaa irraa jedhu …” fi kkf. Hadiisonni kunniini fi kan biraas jannata seenuu hiikkaa isii beekuu, hanga du’anitti isii irra jiraachuu, ergaa isiitti buluu fi kkf wajjin wal qabsiisaniiru.

Ragaawwan walii galaa irraa ulamoonni ulaagaalee yoo wanti isaan dhoorgu hin jiraatin guutamuu qaban cuunfanii baasanii jiru. Ulaagaaleen kun jechi “Laa Ilaaha Illallaah” bantuu jannataa akka taatu fi hiriyyaa isii akka fayyaddu taasifti. Ulaagaaleen kunniin ilkaan furtuu sana. Isaanis:

Waraqaa ragaa Beekumsa Al Ilmi:

Jechi hundi hiikkaa qaba. Hiikkaan “Laa Ilaaha Illallaah” beekumsa wallaala dhabamsiisu beekuudha. Jechi tun ibaadaa waan biraa irraadhabamsiisun Rabbiif qofaaf mirkaneessiti. Hiikni isiis “Rabbiin malee haqaan kan gabbaramu hin jiru” jechuudha. Rabbiin akkana jedha: (Nama haqaan ragaa ba’ee fi isaan beekan malee). Nabiyyiinis (ص) akkana jedhu: “Namni du’e kan akka Rabbiin malee gooftan hin jirre beeku jannata seene” (Muslim)

Waraqaa ragaa Mirkaneessuu /Alyaqiin/:

Innis ergaa isii jala muranii mirkaneessuudha, waan isiin shakkii, mamii, quuqaa onnee, kkf hin qeeballeef. Yaqiina jala murame irra dhaabbachuu qabdi. Rabbiin yeroo mu’uminoota ibsu akkana jedha: (Mu’uminoonni isaan Rabbii fi ergamaa Isaatti amanan, ergasii kan hin shakkin, kan qabeenyaa fi lubbuu isaanitiin karaa Rabbii irratti qabsaa’ani, isaan sun dhugaa dubbattoota). Garuu afaanin jechuun qofti hin ga’u; onneen mirkaneessuu qabdi. Yoo onneen hin mirkaneessin nifaaqni jiraachuu mul’isa. Nabiyyiin (ص) akkana jedhu: “Rabbiin malee gooftaan haqaa akka hin jirree fi ani ergamaa Rabbii ta’uu ragaan ba’a. Gabrichi tokko kana keessatti odoo hin shakkin yoo isa qabateeRabbiin wa-gahe jannata seenu malee hin hafu” (Muslim)

Waraqaa ragaa Fudhachuu: /Alqabuul/:

Erga beekte fi mirkaneessitee booda, beekumsi mirkanaa’an kun bu’aa mul’atu qabaachuu qaba. Kunis ergaa jechi kun dabarsitu onnee fi arrabaan fudhachuun mul’ata. Namni waamicha tawhiidaa fudhachuu didee deebise, kaafira ta’a. Sababaan diddaa isaa boona, ykn uf tuulummaa, ykn waanyoo ta’uu danda’a. Kuffaarota boonaf didan ilaalchisee Rabbi akkana jedha: (Isaan yeroo “Laa Ilaaha Illallaah” isaanin jedhamu kan boonan turan).

Waraqaa ragaa Ajajamuu /Al-Inqiyaadu/:

Tawhiidaf ajajama guutuu ajajamuudha. Kun madaala dhugaa fi raawwii mul’ataa iimaana ti. Kun waan Rabbi ajaje hojjachuuni fi waan Inni irraa dhorge dhiisun dhugooma. Rabbi akkana jedha: (Namni ofii tolee fuula isaa gara Rabbiitti kennu, inni dhugumaan haada cimaa qabate, itti-galli waa hundaa gara Rabbii ti).

Waraqaa ragaa Dhugaan jechuu/As-sidqi/:

Hiikni isaa jecha keessoon kijibsiisuu hin qabne jechuudha. Kanaaf namni arraba isaa qofaan isii jedhee onnee isaatiinisii kijibsiise,inni munaafiqa. Ragaan isaas jecha Rabbii kan waa’ee munaafiqaa ibsu kana: (Arraba isaanitiin waan onnee isaanii keessa hin jirre

Waraqaa ragaa Jaalala /Al-mahabbaah/:

Mu’uminni jechattii tanani jaalata. Ergaa isiin dabarsituttis hojjechuu ni jaallata. Warra isiitti hojjatus ni jaallata. Mallattoon gabrichi Rabbiin jaallachuu; yoo fedha isaatiin wal dhabeyyuu waan Rabbi jaallatu dursuudha, nama Rabbii fi ergamaa Isaa jaalallee godhate jaalallee godhachuudha, nama isaanitti diina ta’e diina itti ta’uudha, ergamaa Isaa (عليه السلام) hordofuudha, qajeelfama isaanii fudhatanii hojiirra oolchuudha.

Qulqullummaa /Al-Ikhilaas/:

Fuula Rabbii qofa kajeelu dha. Rabbi akkana jedha: (Amantii Isaaf qulqulleessuun shirkii dhiisanii Rabbiin akka gabbaraniif malee isaan hin ajajamne). Nabiyyiinis akkana jedhu: “Rabbiin nama ‘Laa Ilaaha Illallaah’ jedhe, kan kanaan fuula Rabbii kajeelu ibidda irratti haraama godheera.” (Bukhaarii)
Ulaagaalee walii galaa kanniiniin jecha kanarratti dhaabbachuu fi hanga du’aatti isarratti cichuutu barbaachisa.