NABI MUHAMMAD (ص) ERGAMAARABBII AKKA TA’AN RAGAA BAHUU

Namni du’e qabrii keessatti ni qormaatama, gaaffiilee sadiirraa ni gaafatama. Yoo deebise nagaha ta’a. Yoo hin deebisin badeera. Gaaffiwwan san keessaa tokko “nabiyyiinkee eenyu?” kan jedhu. Nama duniyaa irratti Rabbiin isa muudee ulaagaalee isii guutee fi qabrii keessatti tasgabbii fi
hubannoo isaaf kenne malee namni hundi hin deebisu. Nama san aakhiratti guyyaa qabeenya fi ilmaan hin fayyanne fayyaddi.

Ulaagaaleen kunniinis:

Waan NABI MUHAMMAD (ص) ajajan tole jechuu: Rabbi akkana
jechuun isaaniif ajajamuutti nu ajajeera: (Namni ergamaa Rabbiitiif ajajame dhugumaan Rabbiif ajajameera).

Rabbiin ammas akkana jedha: (Jedhiin: yoo dhuguma Rabbiin kan jaallattan taatan, ana hordofaa; yoos Rabbiin isin jaallataa).

Godaansa Gara Ameerikaa DV 2025 Guutun Eegalame

Walii galli seensa jannataa walii gala isaaniif ajajamuutin wal qabata. Nabiyyiin (ص) akkana jedhu: “Ummatnikoo hundi jannata ni seenu, nama dide malee jennaan, yaa ergamaa Rabbii! Eenyutu dida?
jedhaniin. ‘Namni naaf ajajame jannata seena, namniajaja kiyya faallessemmoo, isatu dide.” (Bukhaarii) Namni jaalallee NABI MUHAMMAD (ص) ta’e, isaaf ajajamuu qaba.

Ajaja fudhachuun bu’aa jaalalaa ti. Namni odoo isaan hin hordofnee fi isaaniif hin ajajamne ani nabiyyiin (ص) jaalladha jedhe, waan jedherratti kijibaa ta’a.

Waan isaan jedhan dhugoomsuu፡ Namni waan NABI MUHAMMAD (ص) irraa ta’uun isaa mirkanaaye tokko kijibsiise, Rabbii fi ergamaa Isaa kijibsiiseera. NABI MUHAMMAD (ص) dogoggoraa fi soba irraa qulqulluu waan ta’aniif jechuudha. (Inni fedhii lubbuu isaa irraa hin dubbatu).

Waan isaan irraa dhoorganii fi akeekkachiisanirraa fagaachuu: Irra guddaan cubbuu kan ta’e-shirkii-irraa jalqabuun, cubbuu gugurddaa fi kan badiitti nama geessan dabalatee, hanga cubbuulee xixiqqaa fi wantoota jibbaman ga’utti irraa fagaachuu qaba. Muslimni tokko hanga jaalalainni NABI MUHAMMAD (ص) qabuun iimaanni isaa dabala. Yoo iimaanni isaa dabale, Rabbi hojiiwwan gaggaarii itti jaallachiisee, kufrii, faasiqummaa fi cubbuu hojjechuu isa jibbisiisa.

Waan Inni karaa ergamaa Isaatiin(ص) ajajeen malee Rabbiin
gabbaruudhabuu:
Ibaadaa bu’uurri isaa eeggachuudha. Kanaaf waan karaa ergamaa Rabbii irraa dhufeen malee Rabbiin gabbaruun hin ta’u. NABI MUHAMMAD (ص) akkana jedhu: “Namni dalagaa ajajni keenya itti hin jirre dalage, inni sun deebifamaadha.” (Muslim)

Qabxiilee faaydaa qaban: JaalalliNABI MUHAMMAD (ص) dirqama akka ta’e beeki. Jaalalli qofti hin ga’u, mataa kee dabalatee waa hunda caalaa si biratti jaallatamuu qaba. Namni waan tokko jaallate, waan hundarra isa caalchisa. Fedhii isaas fedha ufii irra caalchisa. Kanaaf namni dhugaan jaalallee nabiyyiiti jedhamu isa mallattoon kun irraa calaqqisu. Kana jechuun waan hunda keessatti isaan
faana bu’uu, jechaanis ta’e dalagaan sunnaa isaanii hordofuu, ajaja isaanii fudhachuu, waan isaan irraa dhorkanirraa fagaachuu, rakkinaa fi bal’ina keessattis ta’e, gammachuu fi gadda keessattis naamusa isaaniitti buluu. Ibaadaafi hordoffiin bu’aa jaalalaati, kanaan ala jaalalli hin argamu.

NABI MUHAMMAD (ص) jaallachuun mallattoowwan baay’ee qaba. Isaan

keessaa:

1ffaa: Baay’inaan isaan faarsu fi salawaata isaan irratti buusuu. Namichi waan tokko jaalate, waamicha isaa heddummeessa akkuma jedhamu.

2ffaa: Isaan arguuf dharra’uu, waan jaalalleen jaalallee ofii arguuf dharra’uuf.

3ffaa: Isaan kabajuu fi yeroo maqaa isaanii dhahan isaan kabajuu. Isihaaq (rahimahullaah) akkana jedhu: ‘sahaabonni NABI MUHAMMAD(ص) isaan booda maqaa isaanii yeroo dhahan sodaan guutamanii gogaan isaanii walitti butamaa fi ni boo’u turan.’

4ffaa: Nama isaan jibbe jibbuu, nama isaanitti diinometti diina ta’uu, nama faallaa sunnaa isaanii ta’ee fi diinii isaanii keessatti waan haaraa uume kan warra bid’aatii fi munaafiqootarraa fagaachuu.

5ffaa: Namoota isaan jaalatan kan akka maatii isaanii, haadha-manaalee isaanii, akkasumas sahaabota isaanii muhaajirootaa fi ansaarota jaallachuu, nama isaanitti diinometti diinomuu, warra isaan jibbanii fi arrabsan jibbuu.

6ffaa: Haala isaanii kabajamaa irraadhaaluu, waan haala akkaan kabajamaa ta’e qabaniif. Aa’ishaan (RA) akkana jetti: ‘Haalli ergamaa Rabbii qur’aana ture.’ Kana jechuun waan qur’aanni isaan ajajeen ala hin hojjetan jechuudha.
Haallin Nabiyyii ص keesaa: NABI MUHAMMAD(ص) goota gootota turan. Gootummaan isaanii kan yeroo waraanni jabaatuu ammoo akkaan cima. Ammas irra arjaa namaa turan. arjummaan isaanii kan cimu ammoo Ramadaana keessa ture.

Irra caalaa nama uumamaaf waan gaarii yaadu turan. Obsa guddaas qabu turan. Takkuu ofiif jedhanii gadoo(haaloo) bahanii hin beekan. Ajaja Rabbii irratti akkaan cimaa turan. Kabajaa keessattis irra gadi uf qabaa namaa ti. Misiroo idaayyummaa keessa jirtu caalaa saalfatu. Maatii isaanitiif irra tola oolaa, uumamaaf irra rahmata godhaa turan. Kana males haala babbareedaa hedduu qabu.

Godaansa Gara Ameerikaa DV 2025 Guutun Eegalame