Bu’uuratti nyaanni hundi hayyamamaadha

Nyaanni hundi hayyamamaadha ፡

Wanti nyaatamuu fi dhugamu hundi nyaata jedhama. Bu’uuratti nyaanni hundi hayyamamaadha.
Nyaanni hundi ulaagaalee sadihiin hayyamama:
1) Nyaatichi xaahira (qulqulluu) ta’uu;
2) Miidhaa kan hin geessifne ta’uu;
3) Fokkina kan qabu ta’uudhabuudha. Nyaanni najisa ta’e kan akka dhiigaa fi waan du’ee, kan miidhaa fidu kan akka summii, wanti fokkataan akka faltii, fincaanii, injiraanii fi tafkii hundi haraama.

Nyaanni hundi hayyamamaadha Lubbu-qabeeyyii dachii keessaa:

isaan akka harree fi bineensota qarriffaan dhandhoolanii dhorgamoodha. Fkn. leenci, qeerransi, karkarroon (booyyeen), jaldeessi, adurreen (adala dabalattee), dhaddeen, jeedallii fi amaan, waraabessa (hobolaa) malee hunduu dhoorgamaadha. Allaattii irraa ammoo isaan qeensaan dhandhoolan kan akka huummoo, harraagessaa, culullee, allaattii raqa kaastu, shaahina, urunguu fi kanniin kana fakkaatan hundi dhorgamoodha.

Allaattii baktii ykn raqa nyaatan keessaa kan akka nisirii fi allaattii bishaanii kan qoffee dheeraa dhoorgamaadha. Wantoonni Araboonni magaalaa akka fokkataatti ilaalan urunguu, hantuuta, qacaa, kannisaa, tiisisaa, awwaanisaa, dhaddee, bofaa fi kkf ni dhoorgamu. Lubbu-qabeeyyii keessaa ammoo raammowwan adda addaa ni dhorgamu. Wantoonni Islaamummaan akka ajjeefaman murteesse kan akka xaraa, ykn wanti inni akka hin ajjeefamne ajaje kan akka mixii ni dhorgamu.

Godaansa Gara Ameerikaa DV 2025 Guutun Eegalame

Wanti waan nyaatamuu fi hin nyaatamne giddutti fkn ilmoon waraabessi jeedala irraadhalches akkasuma. Wanti waan nyaataman lama irraadhalate, fkn harree-diidoo fi farda gidduu wanti dhalate garuu hin dhoorgamu. Beelada irraa wanti Araboota biratti hin beekamnee fi shari’aa keessatti hin ibsamin, waan Arabatti isa fakkaatu wajjin ramadama.

Yoo wanti isa fakkaatu haraama ta’e haraama, yoo wanti isa fakkaatu halaala ta’e ammoo halaala ta’a. Yoo lamaanuu wajjin wal fakkaate ammoo haraamummaa isaattu caalchifama. Wanti kanaan ala jiru hundi hayyamamaadha. Fakkeenyaf horiin manaa kan akka fardaa, bineensonni bosonaa kan akka gadamsaa, hilleettii, wakkallee, daaloo fi kkf.

Allaattii: Fkn huummoon, lukkuun, handarii fi balali’oonni bishaan keessa jiraatan, isaan akka raachaa, bofaa fi jawwee yoo hafan warreen biraa ni nyaatamu.

Akkasumas ashaakiltiiwwan bishaan najaasaa qabuun obaafaman yoo foolii fi dhandhamni isaa ifatti beekame malee nyaachuun ni hayyamama. Yoo foolii fi dhandhamni najisaa irraa beeksise garuu nyaachuun dhorgamaadha.

Cilee, biyyee fi dhoqqee nyaachun dhoorgamaadha. Qullubbii fi shunkurtis odoo hin bilcheensin nyaachun dhorgamaadha. Yoo beela’ee fi rakkate garuu waan lubbuu isaa baraarsu nyaachuun dirqama. Kaafirootaan ‘baga ayyaanan isin ga’e’ jechuun, ayyaana isaanii irratti argamuun, salaamtaan isaan jalqabuun dhoorgamaadha.

Yoo isaan salaamtan nu jalqaban “wa’aleeykum” jechuun dirqama ta’a. Isaani fi namoota bid’aa dalaganiif dhaabbachuun dhoorgamaadha. Harka isaan fuudhun ammoo jibbamaadha. Taaziyaa isaan godhuuni fi dhukkubsatan isaan gaafachuun yoo faaydaa shari’aatif ta’e malee dhorgamaadha.

Oromoo fi islaamummaa 3 SOOMA Great

Bineensa Bosonaa dhandhooluu/Adamsuu/:

Bineesa dhandhoolamu ilaalchisee ulaagaalee sadiitu jiru

Nyaanni hundi hayyamamaadha:

1) Nyaachuun isaa halaala ta’uu,
2) Uumamaan bineensa bosonaa ta’uu;
3) Qabuun kan hin danda’amne ta’uudha. Hukmiin isaas nama nyaachuf yaadef halaala. Taphaa fi bashannanaaf dhandhoolun jibbamaadha. Dhndhooluu booda wanti namoota rakkisu yoo jiraate dhandhooluun dhoorgamaa ta’a.

Ulaagaaleen afur yoo guutaman dhandhooluun ni danda’ama. Isaanis:

1) Namni dhandhoolu nama gorra’uun isaaf hayyamame ta’uu;
2) Meeshaan ittiin dhandhoolamu kan ittiin gorra’an hayyamamu ta’uu;
fkn qara akka eeboo, xiyyaa fi kkf ta’uu. Yoo kan dhandhoolamu lubbu-qabeeyyii madeessan kan akka risaa fi sareetin ta’e, kan leenjifaman ta’uu qabu.

3) Dalagicha yaaduu: kunis meeshicha yeroo darbatan dhandhooluu niyyatanii darbachuudha. Odoo  dhandhooluu  hin yaadin yoo dhandhoolame nyaachuun hin ga’u. 4)Yeroo waan ittiin dhandhoolu darbatu “Bismillaah” jechuudha. Asirratti “bismillaah” jechuun yoo daguun ta’ellee hin bu’u. Yoo “bismillaah” jedhamee hin darbatamin nyaachun dhoorgamaadha. 

Bifoota wareegaa:

pexels moaz tobok 2971138 3 Nyaanni hundi hayyamamaadha Wareega Bifoota wareegaa Great

1) Wareega hin daangeffamin: kunis akka ‘yoo fayye Rabbiif wareega galcha’ jechuun bifa wareega galchuu odoo hin ibsin cal’isuuti. Kanaaf yoo fayye kaffaaraan kakuu isarra jira.
2) Galchaa dallansuu fi mormii: kun waan tokko hojjachuuf ykn dhiisuf yaadun silaticha ulaagaa wahiitin wal qabsiisu dha. Fakkeenyaf ‘yoo si dubbise waggaa tokko sooma’ akka jechuu ti. Namni wareega akkasii godhe waan irratti kakate hojjachuu fi akkas jechuu isaatif kaffaaraa kakuu baasuu keessaa tokko raawwachuu qaba.
3) Wareega hayyamamaa: kun ‘uffata kiyya uffachuu Rabbiif jecha wareega gala’ akka jechuuti. Namni akkas jedhe uffata uffachuu fi kaffaaraa kakuu baasuu keessaa tokko filachuu danda’a.


4) Wareega jibbamaa: Fakkeenyi kana akka ‘niitii tiyya hiikuu irratti Rabbiif wareega gala’ akka jechuu ti. Nama kanaaf sunnaan kaffaaraa kakuu baasu fi waan irratti wareega gale sana raawwachuudhabuudha. Garuu yoo raawwate kaffaaran isarra hin jiru.


5) Wareega cubbuua: fkn. ‘ani hatuu irratti Rabbiif wareega gala’ akka jechuuti. Wareega akkasii guutun dhorgamaadha. Kaffaaraa kakuu baasuutu isarra jira. Yoo raawwate garuu cubbmaa ta’as; kaffaaraani isarra hin jiraatu.


6) Wareega ibaadaa: Fakkeenyaf gara Rabbiitti dhiyaachuuf jecha ‘ani akkanatti sagaduu irratti Rabbiif wareega galcha’ akka jechuuti. Yoo ulaagaa wahiitin fakkeenyaf akka fayyuu dhukkubsataatiin wal qabsiise, yoo ulaagaan guutame wareegicha guutun dirqama ta’a. Yoo homaanuu wal hin qabsiisin ammoo walumaa galatti guutuu qaba. 

Godaansa Gara Ameerikaa DV 2025 Guutun Eegalame