walaloo barumsa Adda addaa kan afaan oromo ootin

Dive into the rich tapestry of the Oromo culture through the captivating lens of walaloo barumsa Afaan Oromoo. This article delves deep into the essence of this oral tradition, unveiling its significance, storytelling prowess, and its role as a custodian of the Oromo heritage.

From its mesmerizing poetic verses to its historical resonance, discover how walaloo barumsa Afaan Oromoo serves as a repository of wisdom, preserving the narratives, values, and collective memory of the Oromo people. Unravel the intricate layers of its rhythmic cadence and metaphoric beauty, painting vivid landscapes of tradition and identity.

Through interviews with scholars, cultural custodians, and practitioners, gain insights into the evolving nature of walaloo barumsa Afaan Oromoo in contemporary times. Explore its influence on literature, music, and its enduring impact on shaping the socio-cultural fabric of the Oromo community.

walaloo barumsa : Dr Mohammed Rashaad

walaloo barumsa Best Walaloo barumsa afaan oromo 2024

 walaloo barumsa: TAARIIKHA OROMO`OO

Galata galchinaa gooytaa nu uumefii
Nagayaa rahmanni isa nuu argeefii

Ammoo eega tanaa wannin nuu dubbadhuu
seenaa oromo’ootii akkumaan qabadhuu

waanin arge malee kan argin waan himuu,
taariikha isaanii numa beekha namuu
ammas waanin himuu kitaabarraan fuudhaa
waan hidda hin qabne eenyumaatu fedhaa

wannumtin himulleen taariikhuma durii
kan ammaan tanallee numan hima garii
bar tariikha kan kee baratuun si qabee
namni seenaan qabnee nama jiruu dhabee

bar taariikha ifii baratuun wajabee
kan taariikhan qabnee nama bakka dhabee
yoo taariikhni kan kee isa jabaa tayee
bara ati dureessaa nama samii bayee

yoo amanti’iin dura ati jabaa taatee
eega amanti’iitii sumaaf aduun baatee
nabiin akki je’an namni dur dureessaa
isumaat jabaatee islaamas jebeessaa

mee qureyshii laalii islaaman durattii
eega islaamatii bakka akkam jirtii
akkasi gaallanis islaaman durattii
eega islaamatii bakka gaarii jirtii

waa takkaa haa beekhuu bakka hundaa
namuu gaallaafii oromoon maqaa waan beekkamuu
qureyshin maqumaa islaaman durattii
Eega islaamatii wahi jirjiiramtii

eega islaamatii gaallanis gaallumaa
kan islaamatiifii kaanille’ee maqumaa
akkas oromoonis olumaa gaditti
maqaa akkaan beekkamee biyya oromo’ottii

arabuma jechuun gariin saa islaamaa
gariinis kaafiraa eenyumaa si mormaa
duuba hundi saanii harkuma tokkichaa
Wanni firraa eegan nyaaba saanii bichaa

akkas oromoonis bakkuma hundattii
mee daaniyyii laalii dhiira gaalla’aatii

walaloo barumsa: EENYU NAMNI OROMOO YOOKAA GAALLAA JIBBU

walaloo barumsa 1 Best Walaloo barumsa afaan oromo 2024

kan oromoo diduu takkaayuu diinumaa
takkaayuu galtu’uu tanaaf isaan mormaa

takkaa nin laalinii taariikha saanitii
takkaa wahiif fedhaa baduu isaanitii

yaa obboleeyyan kan koo mee narran laalina
waan jirun dubbadhee mee hin laalatinaa

taariikhan jalqabaa gariidhan dubbadhaa
waan jaalattaniifii kaanis dhaggeeffadhaa

taariikhuma jechuun bar waan dabre himuu
hamaadhafii gaarii waanuma argamuu

walaloo barumsa: MAQOOTII OROMO GAALLA`A

walaloo barumsa Best Walaloo barumsa afaan oromo 2024

Gaallaa jechuun isaan ilma ormaa
oromo’os je’amuu eenyumaassi mormaa aaraamis je’amuu iramis je’amuu
kan afaan arabaa irraa jalqabamuu

Ereemillee je’aa warri taariikhatii
baraa kun hundinuu maquma saanitii

Isaan dur (wadaayii) eegasii (oromoo)
eegasii gaalla’aa oromoo ar’ammoo

walaloo barumsa: TAARIIKHA OROMO`OOTIFII BAKKA ISAAN IRRAA DHUFANIIFII , BAKKA TAA`ANIIFII LAKKOOYSA ISAANII

Taariikhni oromo’oo kan duruu beekkamee
biyyuma hundattuu baraa ni argamee

Biyya misraatittuu bar qoramee jiraa
suuran mootii ormaa kuma shaniin duraa

Dhaga’arratti qoran suuraa isaanitii
jalatti caaranii maqaa isaanitii

Hasshabsoottu dhufee gaafa afrika’aati
isiidhatu kaasee suuraa oromo’ootii

Isiidhatu kaayee mana taariikhatti
kan xeybaa je’amuu biyya misraatittii

Gaafa san iramiitu bulcha baraa biyya teenyaa
gaafa afrika’aa {boontuu} mootin teenya

maqaan sii (itiyyee) jaarsissiidhaa boruu
biyya misraa dhaqaa yoo barbaaddan baruu

Bitti oromoodhaa gaafa afrika’aatii
heddomminni saanii akkuma mixi’iitii

Lakkooysi isaanii gizeemma jirruttii
baraa ni dhiyaata malyoon shantamattii

Abbaan oromoodhaa kuush ilma Haamitii
isaat waliqqabaa nuuf warra misraatii

Aasiyaadhaa dhufee gara afrikaatii
baaba mandabirraan guddinni isaanitii

Ommoo gariin saanii karaa bobbaasa’aatii
isaan gaafa seenun amaaran durattii

Amata kum shaniin inumaa torbaanii
eega sanii seenee amaarri yamaanii

Dhufiinsi isaanii eega iisa’aatii
bara dhib tokkorraa hanga afurittii

Ormi kooshiyyootaa kan oromoon wajji
sooomaaleefii afar waliin qaban hojii

Gaafabbaan gada’aa ahmadoo giraayii
oromoon wajjiinii bakkuma hundaayii

Conclusion

The significance of walaloo barumsa Afaan Oromoo extends far beyond a simple linguistic tool. It stands as a cultural cornerstone, a repository of heritage, and a bridge connecting generations. Its preservation is not just about language; it’s about safeguarding identity, fostering unity, and honoring a rich legacy. As we navigate modernity, cherishing and promoting Walalo Afaan Oromoo becomes pivotal, not merely for linguistic diversity but as a testament to the profound beauty and depth of Oromo culture, enabling a vibrant future rooted in the strength of its linguistic heritage.