Ulaagaalee Wal fuudhinsaa

Qabxii Ijoo: Ibraahiim Alkhawaas (Rahimahullaah) akkana jedhu: “Dawaan onnee wantoota shani. Isaanis፡ qur’aana xiyyeeffannaan qara’uu, garaa duwwaa gochuu, halkan dhaabbachuu, obboroo ka’anii gara Rabbiitti boohuu fi namoota gaggaarii wajjin taa’uudha.

Fuudha: Fuuni nama miira saalaa (shahwaa) qabu kan sagaagalummaa hin sodaanne irratti sunnaa ta’a. Nama shahwaa hin qabneef ammoo hayyamamaadha. Nama sagaagalummaa (zinaa) ufirratti sodaatu irratti ammoo dirqama ta’a. Hajjii waajibaa irra dursa qaba.

Dubartii ormaa xiyyeeffannaan ilaalun dhorgamaadha. Miira saalaatiin yoo ta’e isii manguddoos ta’e isii xiqqoo laalunis ta’ee isii waliin kophaa ba’uun dhorgamaadha. Waan kun madda qoratamuu ta’uu danda’uuf. Ilma dhiiraa kan areeda hin baasinis miiraan ilaaluun haraama.

Godaansa Gara Ameerikaa DV 2025 Guutun Eegalame

Afaan Oromoo kanniin mu’umina 10 Sababaawwan Great

Ulaagaalee Wal fuudhinsaa 5

Ulaagaalee Wal fuudhinsaa 1) Warreen wal fuudhan lamaan ifatti beekamuu: fkn gaafatamaan isii heerumtuu kan durba tokkoo ol qabu tokko “ijoollee tiyya keessaa takka sitti heerumsiiseera” yoo jedhe hin ta’u.

Ulaagaalee Wal fuudhinsaa 2) Jaalala dhirsa ga’eessaa fi sammuun fayyaa qabuu argachuu fi jaalala niitii bilisa taatee fi sammuun fayyaa qabduu argachuu;

Ulaagaalee Wal fuudhinsaa 3) Waliyyiin jiraachuu: durbi uf heerumsiisuu hin dandeessu. Itti gaafatamaa (waliyyii) isii qofatu isii heerumsiisuu danda’a. Garuu yoo waliyyiin isii nama isiif madaalutti isii heerumsiisuu dide malee. Dubartii tokko heerumsiisuu keessatti namni irra mirga qabu abbaadha.

Abbaa irra yoo ol dabre abbaa abbaa (akaakayyuu) isii ti. Ergasii ilma isii ti. Yoo sanarra gadi bu’e ammoo ilma ilma isii ti. Itti aanee obboleessa haadha fi abbaa ti. Ergasii obboleessa abbaan tokkoo ti. Achi booda ilma obboleessaa,… bifuma kanaan itti fufa.

Ulaagaalee Wal fuudhinsaa 4) Ragaa: ragaan dhiira amanamoo, ga’eeyyii fi sammuun fayyaa lama jiraachuu qaba.

Ulaagaalee Wal fuudhinsaa 5) Warreen wal fuudhan lamaan waan wal fuudha isaanii dhorgan kan akka waliin hodhuu, firummaa fi walitti hidhama fuudhaa irraa qulqulluu ta’uudha. Wantoonni wal fuudha dhorgan bifa lama: Inni Jalqabaa: Kan yeroo

Hundaa: Isaanis sadihitti qoodamu:

1) Firummaa foonii: Isaanis haadha, ol yoo baates akkawoo, ergasii intalaa fi intala ilmaa yoo gadi buutes, obboleettiin walumaa galatti, intala obboleettiitii fi intala ilmaa fi intala isii, intala obboleessaa walumaa galatti, intaloota ilmaanii fi intaloota obboleessaa yoo gadis bu’an, obboleettii abbaati obboleettii haadhaa yoo achi fagaatanis.

2) Firummaa hoosisaatin: dhorgaan isaa wal fuudha keessatti akkuma kan fira fooniiti.

3) Firummaa Soddummaa: Isaan kun haadha niitii, akkayoowwan isii, niitota namoota firummaan jarreen lamaanitti hidhamanii, intala niitii yoo gadi buutes. Inni Lammaffaa:

kan yeroo gabaabaa: kun bifa lama qaba:

1) Isa sababaa walitti qabuutiin uumamu: akka obboleetti fi obboleetti ykn intalaa fi adaadaa (obboleettii abbaa ykn haadhaa) walitti fuudhu;

2) Isa sababaa adeemuu danda’uun dhoorgamu.kan akka haadha manaa nama kan biro. Qabxii Ijoo: Abbaa fi haati ilma isaanii intalainni fedhii irraa hin qabne akka fuudhu dirqisiisuu hin qabanu. Ilmis kanarratti isaanif ajajamuun dirqamaa miti. Akka nama ajaja isaanii didettis hin lakkaa’amu.

Dubartii dhiiga xurii fi dahaa irra odoo jirtu ykn qulqullina qunnamtii saalaa keessatti godhan keessa hiikuun dhoorgamaadha

Hiikkaa: Dubartii dhiiga xurii fi dahaa irra odoo jirtu ykn qulqullina qunnamtii saalaa keessatti godhan keessa hiikuun dhoorgamaadha; yoo hiikes fudhatama hin qabu. Sababaa malee niitii hiikuun jibbamaadha. Sababaan ga’aan yoo jiraate garuu hayyamamaadha. Yoo waliin jiraachun rakkisaa ta’e garuu hiikuun sunnaa ta’a.

Hiikkaa keessatti ajaja abbaa fi haadhaa fudhachuun dirqama hin ta’u. Namni niitii isaa hiikuu fedhe, hiikkaa tokkoo ol hiikuun dhorgamaadha. Hiikuu kan qabus qulqullina isa keessa qunnamtii saalaa hin raawwatin keessatti ta’uu qaba.

Tokkoon erga hiikee booda hanga iddaa isii fixattutti hiikkaa biraaitti dabaluu hin qabu. Niitiin hiikkaa deebi’uu isii dandeessisu hiikamte, hanga iddaa isii guuttutti mana isii keessaa ba’uun ykn dhirsi isii mana isaa keessaa isii baasuun dhoorgamaadha. Hiikkan kan argamu arrabaan dubbachuuni malee yaaduu qofaan miti.

Godaansa Gara Ameerikaa DV 2025 Guutun Eegalame