Afaan Oromoo Qabxiilee Bu’a-Qabeeyyii Adda Addaa

Afaan Oromoo Diliin

Wantoota adda addaatiin haqamuu fi dhiifama godhamuu ni danda’a. Isaan keessaa: tawbaa dhugaa, araara kadhachuu, wantoota gaggaarii hojjachuu, balaa adda addaatin tuqamuu, sadaqachuu, du’aa’ii nama biraatin. Yoo wanti Rabbiin isaaf hin araaramin kan hafe jiraate qabrii keessatti, ykn guyyaa qiyaamaa, ykn ibidda jahannam keessatti adabamee sana irraa qulqullaaya. Yoo tawhiida irratti du’e ergasii jannata seena. Yoo kufrii ykn shirkii ykn nifaaqa irratti du’e ibidda jahannam keessa bara baraan jiraata.

New Zikrii Afaan Oromoo Best 6 Zikrii

Kakuuwwan:


Kakuu irratti kaffaaran waajiba kan ta’u yoo ulaagaaleen afur guutamani. Isaanis:

1) Itti yaadanii kakachuu: kakuun odoo itti hin yaadamin taphaaf arrabarratti kakatamu, kakutti hin lakkaa’amu. Kunis akka haasaakeessa “wallaahi akkas miti!” ykn “Eeyye wallaahi akkasi!” jechuuti.

2) Waan fuundura ta’uun isaa malu irratti ta’uu: Waan dabre kan wallaalan ykn shakkiin lubbuun isaa dhugo’oomsaa, ykn beekaa sobaan kan kakate (kun kakuu gamuus kan jedhamuu fi isa diliiwwan gugurdoo irraa ta’e), ykn waan fuundura ta’u irratti dhugaa itti fakkaatee shakkiin kan kakatuu fi boodarra wanti sun faallaa sanaa ta’uun isaa kan ifa isaaf gale.

3) Kakataan fedhiin kakachuu: nama dirqamee kakate ta’uudhabuudha.

4) Kakuu isaa keessa deebi’uu: kunis waan dhiisuuf kakate dalaguu fi waan dalaguuf kakate dhiisuudha. Namni yeroo kakatu ulaagaa waliin kaa’e kaffaaraan waajibaitti hin ta’u.

Kunis yoo ulaagaaleen lama guutamani:

1) Ulaagaan sun kakuun wal qabatee dhufuu;

2) Kakuu isaa ulaagaa sanaan wal qabsiisuu yaaduu; fkn “Wallaahi, Inshaa’allaah” akka jechuuti. Namni waan tokko irratti kakatee ergasii waan waan sana faallessu kan caalmaa qabu arge, sunnaan kakuu isaatiif kaffaaraa baasee isa caalmaa qabu sana dalaguudha. Kaffaaraa kakuu: Kaffaaran isaa hiyyeeyyii kudhan nyaachisuu, ykn uffisuudha. Nyaata yoo ta’e tokko tokkoon isaanii walakkaa saa’ii (kiiloo tokkoo fi walakkaa) argachuu qabu.

Yookan gabra bilisoomsuudha. Namni sana hin argatin, guyyaa sadii walitti aansee soomuu qaba. Nama odoo hiyyeessa nyaachisuu ykn uffisuu danda’uu soome, kakuun isaa irraa hin bu’u. Kaffaaraa isaa odoo kakuu hin diigin dura yookaan sana booda gochuu ni danda’a. Nama dhimma tokko irratti yeroo tokkoo ol kakate kaffaaraan tokko isaaf ga’a. Yoo wanti inni irratti kakatu baay’ee ta’e garuu kaffaaraanis baay’achuu qaba.

Afaan Oromoo Diliiwwanii  fi cubbuun  ilma  namaa  irratti  dhiibbawwan  qabu

Onnee irratti: gara-jabeenya, gogiinsa, xiqqeenya fi dhukkuba isii dhaalchisuun Rabbiin irraa isa fageessu.

Amantii irratti: wantoota olitti ibsaman isa dhaalchisuun ibaadaa irraa hoongessuun du’aa’ii ergamaa Rabbii, kan malaayikotaa fi mu’uminootaa akka hin arganne isa hoongessiti.

Rizqiiirratti: rizqiin akka hin argamne, ni’imaan akka irraa adeemu fi mallaqni barakaa akka dhabu godhu. Nama isaan raawwate irratti: umrii isaa barakaadhabsiisu; jireenya isaa ni dhiphisu; wanta hunda jabeenyaitti taasisu.

Dalagaa irratti: fudhatama isa dhabsiisu. Hawaasa irratti: ni’imaanageenyaa isa dhabsiisu; jireenya qaalessu; bulchitoota gara jabeeyyi fi nyaaphaan akka hoogganaman isa taasisuu, rooba dhabamsiisuu fi kkf saaxilu.

Yaaddowwan jiran: onnee haara baafachiisun, gammachiisuni fi akka hin yaaddofne gochuun fedha hundaa ti. Jireenyi gaariin sanaan argama. Kun argamuuf sababaawwan amantiin, uumamaani fi dalagaan wal qabatantu jira. Sababaawwan kanniin mu’umina  malee  namni biraa  walitti qabachuu  hin  danda’u.

10 Sababaawwa kanniin keessaa gariin

1) Rabbitti amanuu

2) Wanta ajajaman hojjachuu fi wanta dhoorgaman irraa fagaachuu

3) Jechaan, hojiini fiwaan  gaarii  hunda  gochuunif  uumamatti  tola  ooluu

4) Hojii  fi  barnoota amantii fi duniyaa kan bu’a-qabeessa ta’een qabamuu

5) Hojii fuula duraa  dhufuu  fi isa  dabretti yaadda’uu  dhiisanii kan yeroo  irra jiranii  hojjachuu

6)  Zikrii Rabbii baay’isuu

7)  Ni’imaa  Rabbii,  isa  ifaati fi dhokataas,  irraa haasa’uu

8) Waa’ee duniyaa keessatti nama ofii olii ilaaluu dhiisanii nama ofii 

gadii ilaaluu

9) Sababaawwan yaaddoo fidan dhabamsiisuu fi isaan gammachuu fidan  argamsiisuuf  yaalii  gochuu; 

10) Du’aa’iwwan  ergamaan  Rabbii yaaddoo dhabamsiisuf itti fayyadamaniin Rabbiin kadhachuu.