Oromoo fi islaamummaa SOOMA

Oromoo fi islaamummaa Soomni Ramadaanaa dirqama kan ta’u: 

Oromoo fi islaamummaa muslima sammuun guutuu, kan umriin ga’eessa ta’ee fi soomuu danda’u irratti. Dubartii dhiiga xurii fi dahaa irra jirtu  garuu  soomuu  hin  qabdu.  Daa’imnis  yoo  danda’e akka baratu soomatti ajajamuu qaba. Ramadaanni seenun kan beekamu wantoota lama keessaa tokkooni:

1)Baatin isaa argamuu: kunis yoo muslimni (dhiiras ta’ee dubartii)  haqa dubbatuu  fi  umrii  dirqamaa  irra ga’e ragaa ba’e. 

2)Jiini  Sha’abaan guyyaa soddoma guutu dha. Dirqamummaan isaa kan jalqabu fajriin  dhugaa ba’uu irraa kaasee hanga aduun dhiitutti. Sooma dirqamaa fajrii dura niyyachuun waan hafiinsa hin qabne. 

Godaansa Gara Ameerikaa DV 2025 Guutun Eegalame

Oromoo fi islaamummaa Wantoota Sooma Balleessan:  

1) Farjii keessa qunnamtii saalaa gochuu:  namni kana guyyaa ramadaanaa keessa raawwate qadaa baasuutu isarra jira. Kaffaaran isaas  gabra  bilisoomsuu,  namni hin argatin ji’oota  lama  walitti aansee soomuu, namni hin danda’in miskiinota jahaatama nyaachisuu, nama kanas  hin arganne  homtuu  isarra  hin  jiru. 

2)  Maniyyiin bu’uu:  kunis  wal dhungachuun,  wal  tuquun,  ykn  qaama  saalaa  tuquun  ta’uu danda’a.  Nama  maniyyiin ufiin irraa ba’e homtuu isarra hin jiru.

3) Beekaa nyaachu fi dhuguu: Yoo dagatee nyaate/dhuge garuu soomni isaa hin badu.

4) Dhiigni ba’uu: Yoo  koobachuun  ykn  gargaarsaf  baasan  ni  balleessa.  Garuuinni  xiqqaan qorannoof,  ykn inni fedhiin  ala  akka  madaa  fi  funuunan ba’u  sooma  hin balleessu.

5)Beekaa uf haqqisiisuu.

Oromoo fi islaamummaa

Oromoo fi islaamummaa: Yoo awwaarri  kokkee isaa seene,  ykn  odoo  bishaan  afaan  lulluuqatuu fifunyaanitti ol fudhatu bishaan kokkee isaa seene, ykn waa’ee dubartii yaadee yoo maniyyiin irraa bu’e, ykn hirriba keessa yoo maniyyii dhangalaase, ykn  fedha isaatiinala dhiigni ykn haqqeen yoo irraa ba’e, soomni isaa hin badu.  Namni halkan se’ee nyaatee ergasii guyyaa ta’uu mirkaneeffate qadaa baasuu qaba. Namni fajriin ba’uuf dhiisuu shakkaa halkan keessa nyaate soomni isaa hin  badu. Garuu waan aduun seente se’ee guyyaan yoo nyaate qadaa baasuu qaba. 

Hukmii Nama Sooma Hiikee: Nama sababaa fudhatamaa hin qabne irratti sooma hiikuun haraama. Dubartii dhiiga xurii fi dahaa irra jirtuu fi nama nagaa tokko badii (du’a) jalaa baasuuf sooma hiikuun barbaachisaa nama itti ta’e  irratti  sooma  hiikuun  dirqama.  Nama  imala  sagada  gabaabsun  isaaf hayyamamu irra jiru yoo soomni itti jabaate, dhukkubsataanis yoo rakkoo itti fidaa sodaate sooma hiikuun isaanif sunnaadha. Nama biyya jiru kan guyyaakaraa  ba’uuf  jiruuf,  akkasumas  dubartii  ulfaati  fi  hoosiftuuf  yoo  lubbuuisaanitii fi daa’imman isaanii irratti rakkoo sodaatan sooma hiikuuni danda’u. 

Oromoo fi islaamummaa: Hunda isaanii irra kan jiru qadaa baasuu qofa. Dubartiin ulfaati fi isiin hoositugaruu kan sooma hiikte miidhaa daa’ima irra ga’u sodaattee yoo ta’e, guyyaa hiikte  hundaaf  qadaa baasutti  dabaltee miskiina  nyaachisuu  qabdi. 

Namni sababaa dullummaa fi dhibee hin fayyineetif soomuu dadhabe guyyaa soomaahunda miskiina nyaachisa malee qadaan isarra hin jiru. Namni qadaa irra jiruodoo  hin  basin  Ramadaanni  biraa itti  dhufe,  qadaa qofa baasa.  Garuu  yoosababaa wahii malee odoo qadaa hin basin ture, qadaa wajjin guyyaa hangadhiisee sana hunda miskiina nyaachisuu qaba. Yoo sababaa fudhatama qabuuf

Oromoo fi islaamummaa: qadaa odoo  hin  basin  du’e garuu  homtuu  isarra hin  jiru.  Yoo  sababaafudhatama qabu hin qabaatin garuu hanga guyyaa inni hin soominii miskiinairraa nyaachisuu  barbaachisa.  Sooma qadaa Ramadaanaa kan  inni  sababaamalee dhiise fi sooma nazrii irraa soomu fira isaa irratti sunnaadha.

pexels mohammad ramezani 12772598 Oromoo fi islaamummaa 3 SOOMA Great

Nazrii hunda irraa geessun  ibaadaa isaaf  ta’a.  Namni  sababaa fudhatama qabuunhiikee ergasii guyyaa sooma Ramadaanaa keessa sababichi irraa deeme yeroo sana irraa uf qabuun isa qabata. Guyyaa soomaa keessa odoo sooma hiikee jirukaafirri  yoo  sallame,  dubartiin  dhiiga  xurii  qabdu  yoo  qulqulloofte,dhukkubsataan  yoo  fayye,  namni  imalarra ture yoo  gara biyyaa deebi’e,ijoollen yoo umrii ga’eessaa irra ga’an, maraatan yoo sammuun fayye, odooyeroo hafe soomanillee qadaa baasun isaan qabata. Namni Ramadaana hiikuun isaaf hayyamame, isa keessa waan biraa soomun isaaf hin ga’u. 

Sooma Dabalataa (Taxawwu’aa): Irra caalan isaa guyyaa tokko soomanii guyyaa tokko hiiku dha; ergasii sooma guyyaa wiixataa fi khamisaa ti; ergasii sooma ji’a ji’aan  guyyoota sadi  soomamu  (innis  kan  caalu  “ayyaamul  biid”,jechuun guyyaa 13ffaa, 14ffaa i 15ffaa ji’oota baatin lakkaa’amanii soomu dha).Guyyoota irra hedduu ji’oota Muharramii fi Sha’abaan, guyyaa Ashuraa, guyyaa Arafaa,  Shawwaal  irraa  guyyota jaha soomun  sunnaadha.  Ji’a Rajab  kophaa baasun,  guyyaa jimaata fi  sanbataas  sooman  adda gochuun,  guyyaa shakkii (jechuun guyyaa 30ffaa ji’a Sha’abaan yoo wanti haguugu hin jiraatin) soomun jibbamaadha. Guyyaa Iida fixrii, guyyaa Iida adihaa fi “ayyaamu attashriiq” ykn guyyoota sadan  Iida adihaa booda jiran,  yoo  nama qalmi  “tamattu’aa”  ykn “qiraanaa” isarra jiru ta’e malee nama biraa irratti soomun haraama. 

Oromoo fi islaamummaa Yaadachiisota:

Oromoo fi islaamummaa Namni hadasni guddaan akka janaabaa, xurii fi dhiiga dahaa irra jiru yoo fajrii dura qulqulloofte, dura suhuura nyaattee erga azaanni fajrii jedhamee booda dhiqachuun isiif ga’a; soomni isiis sirrii dha. Dubartiin xurii isii tursiisun ibaadan muslimootatti makamuuf jecha Ramadaana keessa dawaa fudhachuu ni daneessi, yoo rakkoo isirra geessu hin jiraanne. Namni soomu gorora ykn aakkee garaa keessaa liqimsuun isaaf ga’a.

Nabiyyiin akkana jedhu: “Ummanni kiyya hanga fixrii sardamsiisanii fi suhuurii duubatti harkisanitti kheeyrii irra jiraatu.” (Ahmad) Ammas nabiyyiin akkana jedhu: “Amantiin ol aantummaa irraa hin deemu; hanga namoonni hiikkaa soomaa (fixrii) sardamsiisanitti; kunis waan yahuudonnii fi kiristaanonni tursiisaniifi.” (Abuu Daawud) Yeroo sooma furan du’aa’ii kadhachuun jaallatamaadha. Nabiyyiin akkana jedhu: “Nama soomeef yeroo hiiku da’awaa (du’aa’ii) hin deebinetu jira.” (Ibni Maajah)

Du’aa’iwwan yeroo fixrii godhaman keessaa

Afaan Oromoo Zikrii

Du’aa’iwwan yeroo fixrii godhaman keessaa “Dheebuunis deeme, hiddi dhiigaa jiidhe, ajriinis mirkanaa’e, yoo Rabbi jedhe” (Abuu Daawud) kan jedhu isa tokko. Sunnaan sooma teemira asheetaan (ruxabaatti) furuudha. Yoo hin argamin temira bilchaatatti furuudha. Yoo kunis hin argamin bishaaniin furuun barbaachisaadha.

Namni soomaa jiru kilaafa irraa fagaachuuf jecha ija kuulachuu, ija ykn gurra keessatti waan jiidhu cobsuu fi kkf irraa fagaachuu qaba. Yoo isa barbaachise fkn akka yaalaa homaa hin qabu; odoo mi’aan dawaa gara kokkee isaa ga’ellee soomni isaa sirrii dha. Yeroo soomarra ta’an hunda ilkaan rigachuun sunnaadha, yeroon inni jibbamu hin jiru.

Namni soomu hamii, nama addaan kutuu, sobaa fi kkf irraa fagaachuu qaba. Yoo namni isa arrabse ykn tuqe ‘ani sooma qaba’ haa jedhu. Arraba isaati fi qaama isaa kan biraa cubbuu irraa tiksuun sooma isaa tikfata.

Nabiyyiin akkana jechuun isaanii gabaafameera: “Namichi kijibaa fi hojii dharaa hin dhiisin, nyaataa fi dhugaatii isaa dhiisuu isaa irraa Rabbiin dhimma hin qabu.” (Ahmad) Namni gara nyaataatti affeerame yoo sooma qabaate nama isa affeere sanaaf du’aa’ii haa godhu; yoo sooma hin qabaatin haa nyaatu. Halkan leeylatul qadrii waggaa keessatti isii sadarkaa guddaa qabdu. Guyyota kudhannan xumura ji’a Ramadaanaa keessa akka argamu akeekameera.

Keessattuu halkan diigdamii torbaffaa akkaan shakkama. Hojiin gaarin isii keessatti hojjatamu hojii gaarii ji’oota kuma tokko keessatti hojjatamu caala. Mallattoowwan adda addaa qabdi. Barii sanaa aduun adii cooraa baay’ee hin qabne taatetiin baati. Qilleensi isaas tasgabbaayaadha.

Muslimoonni odoo hin beekin isii argachuu danda’u. Wanti isarraa barbaadamu Ramadaana keessa ibaadaa irratti cimuudha; keessattuu, guyyoota kudhannan xumuraa keessa. Halkan hunda sagadni halkanii (qiyaamu ramadaan) akka jalaa hin darbine futunuu barbaachisa.

Taraawiiha jama’aan yoo sagade, hanga imaamni sagada taraawihaa guutuu guututti xumurutti irraa gara hin galin; akka halkan guutuudhaabachuun isaaf katabamu jechuudha. Namni sooma dabalataa kan waajiba hin ta’in keessa seene, guutun sunnaadha; garuu dirqama hin qabaatu. Yoo beekaa balleesses garuu rakkoo hin qabaatu; qadaanis isarra hin jiru. I’itikaafa: Hiikni isaa namni muslimaa kan sammuun guutuu qabu ibaadaa niyyatee masjiida keessa taa’u dha.

Namichi I’itikaafa godhu hadasa guddaa irraa qulqulluu ta’uu qaba. Namni I’itikaafa irra jiru yoo wanti irraa hafuu hin dandeenye kan akka nyaataa, mana fincaanii seenuu, dhiqannaa waajibaatif ta’e malee masjiida irraa ba’uu hin qabu. Yoo dhimma cimaaf malee masjiidarraa ba’ee fi qunnamtii saalaa godhe I’itikaafni isaani bada. I’itikaafni yeroo hunda sunnaadha;

Ramadaana keessaa garuu irra jabaata. Guyyoota kurnan dhumaa ammoo akkaan jabaata. Yeroon isaa kan irra xiqqaa sa’aatii tokko. Garuu halkan tokkoo fi guyyaa tokkorraa gadi hirdhifamuudhabuun isaa jaallatamaadha.  Dubartiin  hayyama abbaa warraa isiitin  ala I’itikaafa gochuu hin qabdu. Namni I’itikaafa irra jiru ibaada fi ajaja Rabbii raawwachuu irratti  sardamuu  qaba.  Wantoota “halaala”  ta’an  baay’isu.

Godaansa Gara Ameerikaa DV 2025 Guutun Eegalame